SALAALE, Qa'ee Tuulamaa!
Salaale dirree seenaa qabeettii fi gootota jajjabaa Oromiyaa fi Oromoof darbeef Itoophiyaaf gumaachiteedha. Salaale madda gootota qabsoo oromoo, madda artistoota fi atileetotaati.
Haa ta'u malee, yeroo ammaa kanatti dirree fi qa'een Oromoo Salaalee goolama guddaa keessa galeera. Daangan isaa dhiibbamee, manni salaaltota irratti gubachaa jira. Kana irraa kan ka'e, Salaaltonni Aanolee adda addaa keessa jiran, keessattuu warri Darraa/dharraa, waan qotanii aramatan gatanii baqachaa jiru. Manneen baay'een gubatanii, hawaasni dirree/badhee irratti bittinaahanii jiru. Daa'imanii fi haadholiin rakkoo hammaataa keessa jiru. Wanti nyaatamuu, uffannaani fi dawoon jireenyaa rakkoo guddaa itti taheera.
Salaaltonni rakkoo isaan muudate kana irraa akka isaan baraartaniif isinitti iyyachaa jiru.
Gama biraatin rakkoo hawaasa keenyaa kana deeggartoota waliin ta'ee qolachuuf 'Waldaan Tola Ooltummaa Salaalee (WTOS), humna guutun hojjechuuf qophaahera.
Waan kana ta'eef firoottanii fi warreen Naatoo Salaaltotaa qabdan, account kanneen irratti gumaacha gochuun dirqama Oromummaa fi namummaa keessan bahadhaa isiniin jenna.
Gama biraatin qaamni qarshiin ala wantoota biroo (Uffata, midhaan nyaataa fi kan biroon) gargaaruu barbaaddan lakk.bilbila asirra jiruun yoo bilbiltan koree yeroof qophaahe argachuu dandeessan!
Gumaacha hawaasa Salaalef gootaniif maqaa uummata kanan galata isiniif galchinaÂ