Guraandhala 27,2015 Waldaan Tola Oltummaa Salaalee (WTOS) Uummata Booranaa Hongeen miidhameef Deeggarsa taasisuuf Imaalchisaa ture iddoo ka'eef gahee jira.
Waldaan tola Ooltummaa salaalee((WTOS) Damee isaa duukaam jiru dabalatee hawaasa booranaa hongeen midhameef deeggarsa midhaan nyaatafi nyaata loonii marsaa 1ffaaf guyyaa kalessaa geejibsisaa ture hardha gahee uummata biraan jira.
Deeggarsi gahees Godina Booranaa Aanaa Areeroo (qalqalcha waaroo) jedhamutti Walharkaa fuudhinsi taasiifameera.
Jiraattoonni aanichaas deeggarsa taasifameef galateeffachuun, uummanni oromoo deeggarsa taasisaaf galateeffachuun hanga humna isaa cimsee akka itti fufuus gafaataniiru.
Pireezidaantii Waldaa tola Ooltummaa salaalee (WTOS)Obbo Daani'el Geetachoow yaada kennaniin deeggarsa taasifamu cimsamee kan itti fufan ta'uu himuun, uummanni oromoo biyya keessaa fi alaa jiran, hawaasa Boorana cina dhaabbachuu akka qaban himaniiru ,dabalatas beelli kun uummata Gujiittis cehaa waan jiruuf bokkaan kan dafee hin roobne taanan ragaa argineefii arganne irra baruun akka birmachuuf of qopheessinu ergaa dabarsan.
Iiti aansees namoonni deeggarsa walitti qaban iddoo geessanis beekuufi altokkotii fixuus akka hin qabne eeran.
Warreen waliin Hirmaatanis ykn iddoo uummata gargaaramu gahuun waliin jiranis
# Taaxeq Kabbadee...Advisor
# Aluulaa Beqqelee...dura ta'aa Damee dukam
# obboo wadaajoo wadee.jaarsa biyyaa aanaa dagam irraa
# Adaanee. Ayele ..ogeessa kaameera shararoo irraa
#Tasew. Aseffa ..member and Technical team yaada wal fakkatu dabarsun warreen deeggaraniifis galata dabarsan
Dabatalata
Namoonni deeggarsi kuni akka milkaayu Taasiftan fi qarshii keessan gumaachitan uummanni boorana eebba guddaa isiniif dhaamanii jiru.ulfaadha
Waldaa tola ooltummaa salaale(WTOS)