Adoolessaa 20,2015 miseensi muraasni fedhiin Waldaan Tola Ooltummaa Salaalee Maatii Obbo Darajjee Geetachoof,Abbaaf ,intalli eebbifamte yeroo darbe balaa konkolaatan dhumanii ,mucaa tokkicha isaan faana jiru miidhaa cimaan yeroo ammaa hospitaala abeet finfinnee jirutti argamuun Deeggarsaa Maallaqaa yaaliif oolu Taasiise.
Waldaan Tola Ooltummaa Salaalee ilma Obbo Darajjee Geetachoo Balaa konkolaataan miidhaa cimaan irraa gahee biratti argamuun deeggarsa qarshii kuma afurtamii afuriif dhibba shan (44,500) taasiisuun jajjabeessaniiru.
Obbo Darajjeen ilma isaanii walii Adoolessaa 13, 2015 Intala isaanii eebbisisuuf gara Yunvarsiitii Hawaasaa deemanii yeroo gara mana isaanitti deebi'an Adoolessaa 15,2015 Aanaa Suluultaa iddoo addaa Qooree Roobaa jedhamutti balaa konkolaataa isaan muudateen Lubbuun Obbo Darajjeefi Intala isaanii eebbifamtee yoo darbuu Ilma isaanii ammoo miidhaa qaamaa cimaan irraa gaheen hospitaala Abeetitti kuta yaalii cimaa (ICU) tti yaalamaa jira.
Pireezedantiin Waldaa Tola Ooltummaa Salaalee Obbo Daniel Geetachoow, Boordiin Waldichaa Injinar Taayyee Addunyaafi miseensootni WTOS maatii Obbo Darajjee jajjabeessuun balaan ilma Obbo Darajjee irraa gahee cimaa waan ta'eef namni hundi waan qabun deeggaruu akka qaban wammichaa dabarsaniiru.
Gama biraan hiriyoonni Obbo daani'eel kutaa ICU hojjatan hamma humnaa isaanii waaqa waliin deeggarsa isaanii baramaan akka bira dhaabbatan waada galaniifiru
Bala tiraafikaa Lubbuun nama irraa gahaa jiru kana qamnii dhimmaa isaanii ilaallatu irratti hojjachuu akka qaban gafataniiru dabalatas daandiin salaale keessa darbuufii guutuu salaale ilaalcha akka barbaadu eerun qaamni dhimmi ilaallatu hubachuu akka qabu himan.
Dhuma irratti namoota dhumaniif lubbuu isaanii ,jenneta yaa laatu,kan miidhame yaa dhiisu,maatifis jajjabina yaa laatu.
Adoolessa, 20/2015 Alh
Finfinnee
WTOS